Kan Falmisiisaa Ta’e Hidha Abbayyaa Ilaalchisuun Tarkaanfii Itiyoophiyaan Fudhatte Sudaan Mormitee Jirti

FAAYILII- Laga Abbayaa naannoo Beenishaangul Gumuuz magaala Asoosaa

Itiyoophiyaan walii galtee biyyoota dhooqa laga Abbayaa irra jiran waliin utuu walii hin galin hidha laga Abbayya irraa kan madde human ibsaa jalqabuu labsuu ishee waadaa sadarkaa addunyaa cabsuu dha jechuun Sudaan himatte.

Sudaan ijaarsa laga Abbayyaa fi bishaaniin guutuu gama ilaaleen tarkaanfii qofaa fudhatamu mara hin simattu jechuu dhaan dubbi himaan garee jaarsolii araaraa Omaar Kameel ibsa kaleessa galgala kennaniin beeksisaniiru. Tarkaanfiin Itiyoophiyaa waadaa sadarkaa addunyaatti seente cabsuu dha jedhaniiru.

Biyyoota dhooqa laga abbayyaa irra jiran keessaa Masriin ijaarsi hidha laga Abbayyaa ijaaramuu jalqabuu kurna tokko duraa qabee mormii cimaa dhageessisaa turte. Itiyoophiyaan human ibsaa maddisiisuu dilbata darbe jalqabde akkaan qeeqxee jirti.

Erga bara 2011 qabee mootummoonni sadan yeroo hedduu wal ga’anis walii galtee irra hin ga’in jiru.