Biyyoottan Awurooppaa Midiyaa Raashaa Uguran

  • VOA

FAAYILII - Konkolaataa dhabbata miidiyaa mootummaa Raashiyaa RT, Mooskoo

Dhaabbanii Miidiyaa Mootummaa Raashaatiin Too’ataman lama ardii Awuuroopaa keessatti akka qileensa irraa hin oollee gareen Biyyottan Awurooppaa 27 murtoo dabarsuun isaa beekamera.

Weerara Raashaan Yukreen irratti taasisaa jirtu ilaalchisee odeeffannoo sirii hin taanee fi Olola mootummaa Raashaa facaasaa jiru jechuudhaan dhaabileen midiyaa Uguraman kun RT fi Sputiniik jedhamanii warren beekamanuudha.

Your browser doesn’t support HTML5

Barattonnii Itiyoophiyaa Yukreen Keessa Turan Amma Haala Attamii Keessa Jiru?

Akka murtoo kanaatiin Eeyamnii hojii dhaabbanii kun lamman Awurooppaa keessa qaban hin ugurama. Tamsaasinii RT Afaan Ingiliziitiin Briteen, Jarman, Fraans fi Speen keessaa darbu hin dhorkama.

SEE ALSO: Dipiloomaatonnii Raashaa 12 haryatamaaniiru

Itigaafatamaan Imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Joseef Booreel dhimma kana irratti akka jedhanitti, dhaabileen midiyaa lamman kun Weerara Raashaan Yukreen Irratti taasisaa jirtuuf meeshaa dabalataa ta’anii gargaaraa jiru.

Dhaabbileen Miidiyaa hawaasaa Fees buuk, Googul,yuu tubi fi Tiik tok tajaajila dhaabataa midiyaa RT ugguruu isaanii beeksisaniiru.