Itiyoo Teleekoom Hanga Tokko Gara Dhunfaatti Jijjiruuf Karoorri Ba’e Ammaaf Akka Turu Ta’e jira

  • VOA

Dhunfaatti Jijjiruuf Karoorri Ba’e Ammaaf Akka Turu Ta’e jira

Kan mootummaa kan ta’e Itiyoo Teleekoom hanga tokko gara qabeenya dhunfaatti jijjiruuf karoorri ture yeroo biraatti darbuu ministeerri maallaqaa kan Itiyoophiyaa jimaata har’a labsee jira.Kunis dinagdee biyyatti kan to’annaa jabaa jala jiru banaa gochuuf tarkaanfii guddaa fudhacuuf karoora ture duubatti deebisu ta’e jira.

Mootummaan kana kan murteesseef jijjirama dhiyeenya kana argamaa jiruu fi jijjirama dinagdee gurguddaa hatattamaa dhiyeenya kana argameen ta’uun ibsamee jira. Kunis biyya keessaa fi alaa irra ta’u ibsii ministrichi fuula Twitarii isaa irratti baasee ibsee jira.

Haala dinagdee gurguddaa foyya’aa jiru fi gama maallaqaan Itiyoo Telekoom foyya’iinsa argisiisaa jiru kanneen keessaa harka qaban maraaf bu’aa gaarii argamsisuu keessumaa kan lammiwwan biyyatti Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo fudhatee ilaaluu akka qabu amana jedha.