Wallagga Bahaa, Aanaa Jimmaa Arjoo Keessatti Abbaan Gadaa Ajjeesaman, Jedha Bulchiisi Aanichaa

Jimmaa Arjoo

Godina Wallagga Bahaa keessatti, walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa Aanaa Jimmaa Arjoo, Dilbata darbe hidhattootaan ajjeesaman, jechuun Bulchaan aanichaa ibsan.

Oduuma wal-qabatuun, Walitti-qabaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo fi Abbaa Gadaa Gujii, Jiloo Mandhoo hidhattootni garee "WBO" ofiin jedhuuu, mootummaan ammoo "Shanee" jechuun waamuu, torban lama dura mana jireenyaa koo irratti haleellaa raawwatan, jechuun himatan.

Dubbi-himaan Idil-Addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan "Shanee" jechuun waamuufi shororkeessummaan farraje, Odaa Tarbii, "WBO'n namoota uummatni kabaju, kanneen akka Abbootii Gadaarratti haleellaa hin raawwatu" jechuun Sagalee Ameerikaaf bilbilaan deebii kennanii jiru.