Jinkaa Keessatti Mormii Ka’uun Gbaafamee Jira

  • VOA

Naannoo Jiinkaa

Godiina Omoo Kibbaa nagaala Jinkaa keessatti, manneen fi suqileen kuma hedduun garee gosa Arii kanneen mormii dhageesisaa turaniin gubachuun ibsamee jira.Iddoon kun Finfinnee irraa gara Kibbaatti kilo meetra 750 irratti argama.

Jiraattonni magaalatti RSA akka ibsanti, kanneen mormii dhageesisaa turan kun gosoota kanneen biroo naannoo sana jiran irratti haleellaa geesisuu isaanii dura gaaffii ofiin of bulchuu dhageesisaa turan.Kan gosoonni adda addaa 16 of keessaa qabu Godiinni Omoo Kibbaa,aadaa fi afaanneen adda addaatu keessa jira.

Godiinni kun, Bulchiinsa uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti kan argamu ta’uunis ibsamee jira .