Magaala Niiw Yoork Keessatti Namoonni Madaa’uun Ibsamee Jira

  • VOA

Dhukaasa buufata baabura imaltoota Niw Yoorkitti dhaqqabeen namoonni hedduun madaa'an

Magaala Neew Yoork keessa kan jiru buufta baabuura imaltootaa Brookliin jiru keessatti har’a ganama namoonnii rasaasaan haleelamuu waajiirri ittisa ibiddaa kan magaalatti beeksisee jira.

Dubbii himaan waajiira kanaa akka jedhanti, gabaasa daandii 36ffaa kan Brookliin isa paarkii sunset jedhamu keessatti aaratu jira jedhameef, ganama har’a deebii kennan namoonni haleelamuu ibsan.

Suuraan iddoo sana irraa argamees namoonni imaltoota dhiigaan laaqaman lafa irra cisanii agarsiisa.

Dhimma akana irratti ammatti gad fageenyaan waan dubbatamee kan hin jirre yoo ta’u, polisiin Neew Yoork gama isaanii namoota rasaasaan dhahaman ykn dhohinsaan mada’an gabaasa jedhuuf birmataa jiru

Ganama ha’r tajaajiilli baabuura iamaltootaa kan iddo rakkoon itti dhalatee harkiifataa turee.