Kokolaataan Gargaarsa Fe’an Gara Tigraay Deemaa Jiru: Mootummaa Itiyoophiyaa

  • VOA

Faayilii - Suuraa Waxabajjii 26, 2021 kaafamee fi konkolaattota Sagantaa Nyaata Addunyaa waan nyaataaf oolu fe'ee gara Tigraay bakka sakata'aa karraa irratti dhaabbatee agarsiisu.

Magaala bulchiinsa naannoo Afaar kan taatee sameeraa irraa ka’uun gama Abaalaan kokoolaataan 74 kanneen garagaarsa dhala namaa fe’ani gara maqaleetti imalaa kan jiran ta’u mootummaan Itiyoophiyaa har’a beeksisee jira.Isaan kana keessaa 6 boba’aa kan fe’an ta’u ibsa baaseen beeksisee jira.

Addi Bilisummaa uummata Tigraay bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Afaar keessaa akka ba’u gochuuf hawaasnii addunyaa dhiibbaa akka godhu kan gaafate ibsii mootummaa Itiyoophiyaaa nagaan argamee oloollii sobaa akka dhaabatuu akkasumas kokolaataan fe’umsaa 1025 kanneen duraan gargaarsa fe’anii Tigraay seenan hatttamaan akka deebifaman gaafatee jira jechuun Keneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.