Maallaqa Raashaan Gaaza Bituun Sirrii Mitii:Gamtaa Awurooppaa

  • VOA

Faayilii: GAZPROM-Korporeeshinii enerjii Raashiyaa

Biyyoonni gamtaa Awuroopaaf miseensa ta’an kanneen Gaazii Raasahaa maallaqa Raashaan bitaa jiran ugguura ka’amee cabsuu isaanii akka ta’e Gamtichi akeekkachisee jira.Raashaan Robii dheengaddaa Gaazii gara Polaand fi Bulgaariyaatti eergiitu dhaabdee jirti.

Rashaan Gaazii maallaqa koon bituu qabdu jechuun kan gaafattee yoo ta’u, kunis ugguura biyyonni gama dhiyaa ishee irra ka’an jalaa miliquuf sharafa maallaqa ishee akka gargaaraman taasifte.

Polaand fi Bulgaariyaan immo ni diidan.Mummichi ministeera Polaan akka jedhanti tarkaanfii fudhanneef galanni haa ta’u Polaand Gaaza Raashaa hin barbaaddu jedhan.

Mummichi ministeera Bulgaariyaa magaalaa Yukreen keessaa kan badii guddaan keessatti gaggeeffame Borodyanka kamiisa kaleessaa daawwatanii kan turan yoo ta’u, Gaazii Raashaa malee biyyi isaanii akka jiraattu ibsan.

Polaand fi Raashaan kontraata Gaazii kan kaampanii mootummaa Raashaa Gazprom waliin qaban waggaa kana booda kan hin haareessine ta’u beeksiisan.

Garu biyyonni Awuroopaa hedduun Raashaa biraa Gaazii seensifataa jiru. Awuroopaan akka jettutti, kontraatii seenamee maallaqa Yuroo fi Doolaaraan haa bitamuu kan jedhu ture.