Gaazexxeessonii ONN Lama Har’a Mana-murtiitti Dhihaatan.  CPJn Akka Himannaan Irraa Ka’u Gaafate  

  • VOA

Gaazexxeessota Oromiyaa Niwuus Neetwoork(ONN) Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu CPJ irraa argame

Gaazexxeessonni Oromiyaa Niwuus Neetwoork lama Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu gochaa farra-mootummaan himatamanii har’a Mana-murtii Walii-galaa Oromiyaatti dhihaachuu isaanii fi manni-murtii yaada gama abukaatoo isaanii fi abbaa-alangaa tii dhihaate wal-biratti ilaaluuf beellama ka biraa kennuu isaa Abukaatoon himatamtootaa Obbo Guddannee Fiqaaduu, Sagalee Amerikaatti himaniru.

Karaa biraatiin, gaazexxeessota lameen hidhaa jiran, Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu ilaalchisuun, gareen idil-addunyaa mirga gaazexxessotaaf falmu, CPJn ibsa kaleessa baaseen mootummaan Itiyoophiyaa gaazexxeessota lameen akka hatattamaan gad-lakkisu, himannaalee irratti dhiheesse mara akka irraa kaasuu fi miseensota preesiitti xiyyeeffachuu akka dhaabu gaafatee jira.