Waa'een Gaazexxessoota ONN Lamaan Hidhaa Keessa Jiranii Akkaan Nu Yaaddeessee Jira: CPJ

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Guyyaan walabummaa preesii har'a addunyaa irratti kabajamaa yeroo jiru kanatti waa'ee Gaazeexxessoota Itiyoophiyaa fi Ertraa keessatti hidhamnii jiranii garee mirga Gaazexxessootaaf Falmu Sii Pii Jee (CPJ) keessatti itti gaafatamtuun sagantaa Afrikaa Anjelaa Kiintaal RSA ibsa kennanii jiru.

Akka isaan jedhanti Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti gaazexxessoota hidhuun sadarkaa sadaffaa irra akka jirtu akkasumas yeroo ammaa hidhaa keessa kan jiran Gaazexxesootaa Oromiyaa Niiwus Neetwoork(ONN) akkaan jaarmayaa isaanii yaaddeessuu dubbatan.

Ertraa keessatti Gaazexxessoonii 16 hidhaa keessa akka jiran ibsanii Itiyoophiyaa keessatti kan dhiyeenya kana itti dabalamee tokko waliin Gaazexxessoota sadiitu hidhamee jira.

Gaazexxeessaa Itiyoophiyaa irraa dheessee Yunaaytis Isteetes keessa jiru Mubaarak Mohammed Dulaa Waliin gaaffii fi deebii gaggeessinees caqasaa.