Gaazexeessaa Gobezee Siisaay bakka itti hidhamee ture akka hin beekne dubbate

  • VOA

Gaazexeessaa Yenetaa Tiyuub jedhamu irra hojjatuu Gobezee siisaay

Gaazexeessaan dhaabataa midiyaa karaa marsariitii tamsa’u Yenetaa Tiyuub jedhamu irra hojjatuu Gobezee siisaay, ergaa umnoottan mootummaatiin qabamee hidhamee boodaa guyyaa kaleessaa gad lakkifamus eessatti akka hidhamee ture akka beekuu hin dandeenyee VOAti himeera.

Caamsaa 1,2022 umnoottan nageenyaa uffataa siivilotaa uffataniin mana isaa keessaa qabamuu isaa kan ibsee Gobezee Siisay, garee Faannoo jedhamu akka innii degeru, jibbaa Oromoo akka qabuu fi hookkora magaalaa Waldiyaa keessatti umamee ture kakaasuudhaa akka harka keessaa qabu itti himamuu isaa ibsee, yemuu bakka itti hidhamee bahee gara mana isaatti deebi’uu ijji isaa hidhamee waan tureef bakka hidhamee ture akka hin beekne dubbachuu isaa Asteer Misgaanaawu Baahirdaari irraa gabaastee jirti.