Tripoolii Keessatii Gareewwan Hidhatan  Dhukaasaa Wal Irratti Banan 

  • VOA

Humnoota Abdul Hamiid Debeibahaf amanamoo ta'an daandii Tripolii irratti, Liibiyaa, Caamsa 17, 2022.

Magaalii gudditiin Libiyaa Tripooliin qibxata har’aa dhukaasaan raafamaa oluun ishee gabasaameeraa. Akka gabaasonni Tripoolidhaa bahha jiran ibsanutti , paarlamaan biyyatti Faathii Bashaghaa muumee ministeeraa biyyatti ta’ani akka hojjatan ergaa muudee booda , gareen kaan duraa Tripolii bulchaa turee fi Abdulhamiid Al Dbee’ibahn dursamu, muudamuu mummee ministeeraa haaraa fudhachuu didee lola jalqabe.

Faath Bashaagha aangoo fudhachuudhaaf baha biyyatii irraa ka’anii ergaa magaalaa Tripoolii seenanii boodaa waan walitti bu’iinsii uumameef wal loliinsichii akka hin babaldhanef jechuudhaan Tripoolii gad lakkisanii bahuun isaanii gabaasameera.

Gareen Abdulhaamiid Al Dbee’ibah wagga darbe deggersaa mootumoota gamtoomaniitin kan dhaabbatee ta’uun isaa ni yaadatama.