Gaazexessonni Hidhamuun Na Yaaddessee Jira: Yunaaytid Isteet

  • VOA

FAAYILII: Dubbi himaa ministrii haajaa alaa Ameerikaa Ned Price

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti hidhaa gaggeeffamaa jiruun Gaazexessoota irratti qiyyaafatamuu kan ishee yaaddesse ta’u yunaaytid isteets beeksiiftee jirti. Dubbii himaan ministrii hajaa alaa Amerikaa Need Praayis dhukaasa dhaabinsii itti fufuu isaaf galateeffatanii kan wal waraansaan bututee biyyatti kaabaaatti gargaarsa dhala nama gama erguunis foyyeen akka jiru ibsuun walabummaa preesiis eegsisuun karaa hundaa eegamuu qaba jedhan.

Walabummaan yaada ofii ibsachuuf carraan jiru dhiphaachuun, walabummaa Midiyaa Itiyoophiyaa keessaa kan ilaaleen akkaan yaaddoo qabna jedhanii kunis dararuu, hidhaaa Gazexxesoota dabalatee gaggeeffamu hojii ooguuma midiyaa fi rogeeyyii dabalata jedha Praayis. Mootummaan Itiyopphiyaa fi aangawoonni bulchiinsa nannoo seeraan buluu kabajsisuun namoota hidhaa keessa jiraniif eegumsii seeraa akka taasifamuu jabeessinee gaafanna jedhan.