Obbo Sintaayyoo Tolaa Eenyu Turan?

Daarektera Ittaanaa Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo ka turan Obbo Sintaayyoo Tolaa

Sirni Gadaa Dhaabbata Saayinisii fi Aadaa Tokkummaa Mootummootaatti UNESCO’tti akka fudhatama argatee galmeessamu carraaqqii jabaa gochuun isaanii kan himamu - qorataan seenaa fi aadaa Obbo Sintaayyoo Tolaa torban dabre boqochuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksise ture.

Dhibee tasaan lubbuun isaani ka boqote obbo Sintaayyoon, Daarektera Ittaanaa Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo ta’anii ka hojjetaa turan yoo tahu qophii imaammata barnoota sirna Gadaa fi manneen murtii aadaa Oromiyaa dhiyeenya hojii jalqaban qindeessuu keessattis qooda guddaa gumaachuu isaanii, Obbo Olaanaa Teshoome, Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa, ogeessi aadaa VOAtti himanii jiran. Galmoo Daawit tu Adaamaa irraa gabaase.

Your browser doesn’t support HTML5

Obbo Sintaayyoo Tolaa Eenyu Turan?