Paartiin Tokkummaa Sidaamaa Walitti-bu’insa Daangaa Naannoo Sidaamaa fi Oromiyaa Gidduutti Uummamuu Furmaata Gaafate

  • VOA

Marfata Summudaa, Hawaasaa, Itoophiyaa, Sadaasa 19, 2019

Paartii Tokkummaa Sidaamaa, kan jedhamu dhaabni mormituu daangaa bulchiisaa naannoo Sidaamaa fi naannoo Oromiyaa irratti walitti-bu’insawwan uumaman ilaalchisee mootummaan federaalaa akka ilaalcha itti kennee fala furmaataa barbaadu gaafatee jira. Dura-taa’aan paartichaa, Lammaa Hoyaatoo ibsa maddeen oduuf kennaniin, “bakkawwan daangaa bulchiisota naannoo lameen irratti argaman sadii irratti walitti bu’insa uumameen namoota 7 tu ajjeesame. 17 ammoo ni madeessaman, “ jedhan.

Dhimma kana irratti angawoota mootummoota naannoo lameenii irraa deebii argachuuf carraaqee deebii argachuu hin dandeenye – jechuun, Yonaataan Zebdiyoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.