Namoota Midiyaa Hidhaman Hiikaa: Jaarmayaa Mirga Namoomaa 

  • VOA

FAAYILII - Gaazexaa gabaa keessaa, Waaxabajii 24, 2019.

Jaarmayaan mirga namoomaa gara jalqaba torbanti ibsa baaseen mootummaan mirgii walaba ta’anii yaada ofii ibsachuu akka seera sadarkaa addunyaatti kabajamuu isaa akka mirkaneessuuf gaafatee jira. Hidhaan kun faallaa seera midiyaa ta’u isaas ibsee jira.

Komishinni mirga namoomaa kan Itiyoohpyaas dhaaamsa wal fakkaataa dabrseen namoota midiyaa dhiyeenya kana Itiyoophiyaa keessatti hidhaman akka hiikaman gaafatee jira. Paarlaamaan Itiyoophiyaa waggaa dabreeseera midiyaa haaraa fi caalaatti gaarii ta’e raggaasisee ture. seerrii Midiyaa Keyyatii 18 heer keyyatii tokko akka jedhutti, namnii midiyaa irratti hojii seeraan alaa raawwate qorannaa ka biraa ituu hin barbaachisiin ,battalumatti seera duratti dhiyaachuu qaba jedha.

kana malees Seerrii Itiyoophiyaa keyyatii 19 mootummaan Itiyoophiyaa haal duree tokko malee Gaazexxessoota hidhaman akka gadhiisuuf gaafata jehuun Keeneedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.