Hojii Seera Kabajsisuu Itti Fuufna: Angawaa 

  • VOA

FAAYILII -Magaala Dasee, naannoo Amaaraa, Onk. 9, 2021

Mootummaan Bulchiinsii naannoo Amaaraa hojii seera eegsisuu kan torban sadiif gaggeessaa jiru kan itti fufuu ta’u beeksisee jira.Dubbii himaan bulchiinsa naannoo Sanaa Gizaachoo Muluneeh har’a Baahiir Daar keessatti Tuuta oduuf ibsa kennaniin tarkaanfiin fudhatamaa jiru tasgabii mirkaneessuf fi seeraa fi sirna kabajsissuuf ta’u ibsanii mootummaan Faannoo faana dhahaa jira jechuun qeeqa dhiyaatu soba jedhan.

Namoota gareelee fi jaarmayaan kutaa Sanaa fi Itiyoophiyaa keessatti tasgabii dhabsisuuf hojjatan, uummata keessatti hokkara kakaasuun ajjeechaa gaggeessan, kanneen saaminsaa fi qabeenya namootaa barbadeessan akkasumas bittaa fi gurgurtaa meeshaa waraanaa kan seeraan alaa kanneen gaggeessan irratti tarkaanfii fudhatamu ta’u hubachiisan jechuun Asteer Misgaanaaw Baahiir Daar irraa gabaastee jirti.