Wellisaan Sirboota Wellisaan Sirboota Tigiriffaan Baay’ee Beekamu Kaleessa Du’aan Boqote  

  • VOA

FAAYILII - Weelisaa Daawwiit Naggaa

walleelee Tigriffaan beekamuu Daawwiit Naggaa Dilbata kaleessaa du’an addunyaa kana irraa boqotee jira.Wellisaa Daawwiit guyyoota safiif hospitaala Addis Hiwoot jedhamu kan Finfinnee keessatti yaalamaa eega ture booda lubbuun isaa darbe.

Kan waliin guddatanii fi waahiila isaa hojii kan ata’an obbo Addis Hhaayle sillaas RSA akka ibsanti, torban dabree akka isa dhukkubuu dubbataa akka ture, booda irr gaafa jimaata haatii warraa isaa dhiibbaa goteen hospitaala ciise.

Guyyaa sadii booda wanni du’aan isa ga’e maal akka ta’e akka qoratamuuf maatii fi hiriyyonni gaaffii dhiyeessaniin, har’a reeffii isaa qoratamuu fi ba’iin qorannaa kanaas baatii tokko booda akka ibsamu nutti himamee jira jedhan.