Guutummaan Itiyoophiyaa Rooba Gannaa Argachuuf Jira Jedha Dhaabbatni Meetriyooloojii Biyyattii

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaan Itiyoophiyaa Rooba Gannaa Argachuuf Jira Jedha Dhaabbatni Meetriyooloojii Biyyattii

Inistiitiyuutiin Meetriyooloojii Itiyoophiyaa ganna kana roobni gahaan guutuu biyyattii keessatti akka roobuuf jiru raaga argachuu isaa beeksise.

Aadde Mihiret Muluneh, ogggeettii gameettiin raaga haala qilleensaa dhaabbatichaa VOA’f ibsa kennaniin haalli qilleensaa mijataan bishaan Paasifik gubbaa jiru gaarii waan ta’eef roobi ganna baranaa hammisaas turmaatni isaas ga’aadha jedhan.

Gama biraatiin roobi gannaa kun Shawaa Bahaatti turee ka jalqabe tahuun ka himame yoo ta’u, Baalettis haga yoonaa akka hin robiin angawootni VOA’f himanii jiru.