Barataa Kutaa Kudha Lamaa Foormulaa Herregaa Fooyyesse

Your browser doesn’t support HTML5

Barataa Kutaa Kudha Lamaa Foormulaa Herregaa Fooyyesse

Godina Shawaa Lixaatti, Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Baakkoo keessatti, Barataa kutaa 12ffaa tahuu kan dubbatu Fayyisaa Tafarii, Foormulaa Herregaa "Arithmetic Sequence" jedhamu, bifa salphaan furuuf dandeessisu argachuu dubbatee jira.
Foormulaa kanaan dorgommii sadarkaa Oromiyaatti taasisamerratti injifachuu isaa qindeessaan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Baakkoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.
Wasiilli Fayyisaa, "Osoo jajjabeeffamee kana caalaayyuu ni hojjata" jechuun dubbatan.