Teeksaas Keessati Godaantonii 46 Du’anii Argaman  

  • VOA

Bakka godaantonii 46 konkolataa fe’isaa guddaa keessatti du’anii argaman, Waxabakkii 27, 2022

As Yunaayitid keesstiii haanga’onii kutaa biyyaa Teksaas godaantonii 46 konkolataa fe’isaa guddaa keessatti du’anii argamuu isaanii fi namoottan 16 libbun argamuu isaanii beekisanii jiru.

Kibba lixa magaalaa Saan Antooniyoo ti bakka argamutti hojjaataan magaalaa boo’ichaa namaa dhagahee eeruu hanga’ootaan gahee hordoofuudhaan poolisoonii qaqqabanii ejoollewan dabalatee namoottan 16 libbuudhaan arguu danda’aniiru.

Akka haanga’onni balaa abiddaa magaalaa Saan Antooniyoo jedhanitti goodaantonii karaa seeraan alaa fe’amanii Yunaayitid Isteetsw seenaa turan sun kan miidhamman balaa ho’aati fi bishaan dhugaatii dhabiinsaani.

Poolisiin naanichaa akka jedhetti dhimmichaan walqabatee namoottan Sadii too’annoo jala oolanii dhimmichaa keessaa harka qabaachuunii fi dhiisuun isaanii mootummaa feederaalatiin qoratamaa jiraachuu isaa ibsee jira.

Namoonii karaa biyya Meeksikootiin dhokatanii Yunaayitid isteetsin seenuu yaalan yeroo adda addaa balaan akkanaa kan irra gahuu yemuu ta’uu bara 2017 godaantonni 10 achumaa Teeksaas keessatti naannoo magaalaa saan Antooniyooti Konkola’ataa fe’isaa keessatti du’anii akka argamanii fi bara bara 2003 immoo godaantonii 19 konkolataa ho’aa keesaati argamuun isaanii gabaasameera.