Tigraay Keessatti Talaaliin Farra KOOVIID-19 Kennuun Jalqabamee Jira

FAAYILII - Ijoollee Tigraay qehee irraa buqahanii mana barumsaa Hadneet keessa jiran, Caamsa 5, 2021

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti duulli talaallii farra dhukkuuba KOOVIID-19 kennuu har'a kan eegalamee yoo ta’u anga’oonni achii akka jedhanitti, duulli namoota gara miliyoona 1.6f talaalii kennuu kun, jaarmayaa fayyaa ddunyaa fi dhaaba daa’immanii Yuniseef waliin ta’uun eegalameera.

Hogganaan waajiira fayyaa naannoo Tigraay Dr. Haagos Goodfay akka jedhanitti, qorannoo walii galaa gaggeessuuf, humna isaa fi bakka itti gaggeesinu jiraachuu baatuus, kanneen qorataman keessaa harkii 30 vaayirasichaan qabamuu isaanii ibsan.

Talaallii kun bakka fagootti raabsuuf Boba’aan dhabamuu fi meeshaan qabaneessu ykn firijiin dhabamuun rakkoo duula kana mudateekeessaa tokko ta’uu hogganaan biiroo fayyaa naannoo kun ibsanii jiru.