Wallagga Keessatti Namoonni Sababaa Ajjeechaa Dhiheenyaatiin Qehee Ofii Irraa Buqqa’an Gargaarsa Gahaa Hin Arganne, Jedhu  

  • VOA

FAAYILII- Gimbii, Walaga Lixaa

Naannoo Oromiyaa Godina Qellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan,Mandara 20 jedhamu keessaa sababaa haleellaa hidhattootaan namootni buqqaasaman gargaarsa gahaa argachaa hin jirran jechuun komatan, buqqaatota keessaa hagi tokko.

Magaalaa Machaaraa keessa akka jiran ka dubbatan namoonni kun, anga’ootni mootummaa akka isaan gara qe’ee isaaniitti deebi’an gaafatanis yaaddoo nageenyaa irraa kan ka’e akka deebi’uu hin feene dubbatan.

Gama biraan, Bakka Bu’aan Buusaa Gonofaa Godina Qellam Wallaggaa Obbo Girmaa Hambisaa, dhumaatii raawwatame hordofee namoota kuma 24 fi dhibba 8 caalan gandeen Lamlam keessaa buqqa’anii turan keessaa dhibba irraa harki 90 ol deebi’aniiru jechuun himaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Wallagga Keessatti Namoonni Sababaa Ajjeechaa Dhiheenyaatiin Qehee Ofii Irraa Buqqa’an Gargaarsa Gahaa Hin Arganne, Jedhu