TPLF Gareen Mootummaa Itoophiyaa Wajjin Mari'atu Ijaaruu Beeksise

  • VOA

FAAYILII - Dubbi Himaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF), Obboo Geetachoo Raddaa

Waraanni ka'ee ji'oota 20 booda humnoonni Tigraay marii mootummaa Itoophiyaa wajjiin godhamuuf garee ijaaruu isaanii Dubbi Himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Obboo Geetachoo Raddaa madda oduu AFP'tti himaniiru.

"Jila gara Keeniyaa erguuf qophii taanaa; garee miseensota ol-aanaa ta'an irraa ijaarreerra," ka jechan Obboo Getaachoon, marii Gamtaa Afrikaatiin hogganamu qofa fudhachuuf akka karoorra in qabnellee irra deebi’anii ibsaniiru.

Mootumman Itoophiyaa mariin godhamu hoogansummaa Gamtaa Afrikaatiin akka ta'u ifa godhuu fi hoggantoonni TPLF garuu gamtichaa irraa amantii akka in qabne beeksisuun in yaadatama.