Preezdaant Joo Baayidan irratti COVID-19 argame

  • VOA

FAAYILII - Preezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayidan, Walgahiif yeroo israa'el turan, Adoolessa 14, 2022

Preezdaant Joo Baayidan irratti COVID-19 argamuu isaa Waayit Haawus Kamisa harra beeksise.

"Hojii isaanii hunda guutummaatti raawwachuu itti fufan. Amma qorannoon isaanii vaayrasii irraa walaba ta'uu agarsiisutti adda bahanii turan."

Ibsi masaraa mootummaa Yunaaytid Isteets, Waayit Hawus irraa bahe Baayden talaallii guutuu, akkasumas buusterii marsaa lama fudhachuu isaanii yaadachiisee mallattoo baayyee salphaa ta'e agarsiisaa jiran eere. Pirezdaantichi qajeelfama CDC waliin haala walsimtuun qoricha Paxlovid fudhachuu eegaluu fi Waayit Haawus keessatti adda baafamanii jiraachuutunis ibsameera.

Baayiden umuriin isaanii ganna 79.