Godinaa Gujii, Sabbaa-Boruu Keessatti Sababaa Hanqina Nyaataan Namni Du’aa Jira, Jedhame  

FAAYILII - Naoota bishaan waraabbatan

Bulchiisa naannoo Oromiyaa, godinaa Gujii, aanaa Sabbaa-Boruu keessatti hanqina nyaataatiin namoonni du’aa akka jiran jiraattota keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himan.

Waajirri Buusaa Gonofaa godinichaas rakkoo nyaataa kanaan lubbuun namaa dabruu mirkaneessee, “namoonni abbaa-warraa yokaan maatii digdamii sagalitti dhihaataan hanqina nyaataaf saaxilamanii jiru, “ jedhe.

Godinaalee hongeen dhahaman gargaarsa qaqqabsiisuun akkuma itti fufetti jira ka jedhu Waajirri Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa immoo “Godinaa Gujii, aanaa Sabbaa-Booruu keessatti sababaa hanqina nyaataan namni du’uu ragaa hin qabu,” jedhee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaa Gujii, Sabbaa-Boruu Keessatti Sababaa Hanqina Nyaataan Namni Du’aa Jira, Jedhame