Ministarri Dhimma Alaa Raashiyaa Finfinneetti Aangawoota Mootummaa Itiyoophiyaa Waliin Mari’atan  

Your browser doesn’t support HTML5

Daawwannaa hojiif jecha Finfinnee kan jiran Ministirri Dhimma Haajaa Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov angawoota mootummaa Itiyoophiyaa waliin maree gaggeessanii jiru.

Har’as miseensota Diiploomaasii Finfinnee jiran waliin kan marii geggeessan yoo tahu, rakkoo diinagdee addunyaa irratti mullataa jira jedhaniif mootummoota biyyoota Addunyaa lixaa qeeqan.

Biyyi isaanii Raashiyaan gama diinagdee fi nageenyaan Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka feetullee himanii jiru - Laavroov.