Atileetonni Ertiraa Dorgommiif Oregaan Deeman Miliqan

  • VOA

Eritrean Athletes

As Yunaayitid Isteeits, Iyuujin-Oregaanitti ka geggeessame Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaatti akka hirmaataniif kanneen ergaman atileetonni Ertiraa afur fi leenjisaan isaanii achi-buuteen dhabamuu Televiiziyoonni KVAL jedhamu poolisii kutaa Oregaan wabeeffachuun gabaasee jira.

Atileetonni Ertiraa kun mooraa yunivarsitii yeroof keessa qubatanii turan keessatti isa dhumaaf ka mul’atan Sanbata dabre, Adoolessa 23, 2022 tahuun gabaasaa sana keessatti eeramee jira. Atileetota sanaa fi leenjisaa isaanii bakka jiran namni beeku lakkoobsa bilbilaa 541-346-2919 bilbiluudhaan akka odeeffannoo kennuuf kan gaafate poolisiin kutaa Oregan, atileetota “eessa akka bu’an dhabe” jedhu kana maqaa isaanii akka tarreessetti Aandee Filimoon (umuriin 24), Habtoom Saamu’eel (umuriin 18), Berahee Asgedoom (umuriin 44), Mehaarii Mebraatuu (umuriin 18) fi Yemaanee Tehklehayuum (umuriin 24) tahuun beekamee jira.

Atileetoa sana irratti gochaan humnaa raaw’atamuu fi dhiisuu ragaa akka hin qabne kan eere poolisiin kutaa Oregaan kun, haala uumame kana qaama tika seeraa federaalaa fi dhaabbatoota waahila isaatti beeksisuu isaa ibsuu, televiiziyoonni KVAL gabaasee jira. Odeeffannoo dabalataa akka argannetti si beeksisna.