Waldaan Barreessitoota Oromiyaa Sirna Badhaasaa Ogbarruu Maqaa Barreessicha Angafa Gaaddisaa Birruutti Moggaasame  Finfinneetti Gaggeesse  

Your browser doesn’t support HTML5

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa Sirna Badhaasaa Ogbarruu Maqaa Barreessicha Angafa Gaaddisaa Birruutti Moggaasame Finfinneetti Gaggeesse

Sanbata Hagayya 30, bara 2022 Waldaan Barreessitoota Oromiyaa sirna badhaasa hogbarruu “Gaaddisaa LiteraryAward” jedhamu magaalaa Finfinneetti gaggeessee jira. Badhaasi maqaa barreessaa Oromoo angafa dhiheenya du’aan boqotan Gaaddisaa Birruutti moggaasame kun, sagantaa isaa yeroo jalqabaaf gaggeesse kanaan barreessitoota angafa gama asoosamaa, walaloo, walaloo weelloo fi barruulee adda addaan guddina ogbarruu Oromootiif daandii saaqanii fi qooda ol’aanaa gumaachan badhaasee jira.

Galmoo Daawit sirna badhaasichaa irratti argamuun qopheessitoota, badhaafamtootaa fi hirmaattota keessaa dubbisuun qophii qindeesse qaba.