Xiinxala Imaltuu Ministara Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Biyyoota Afrikaatti Fuuleffate

  • Namoo Daandii

Your browser doesn’t support HTML5

Xiinxala Imaltuu Ministara Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Biyyoota Afrikaatti Fuuleffate

Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinken tarsiimoo biyyi isaanii Afrikaaf qabdu hordofuun biyyoota Afrikaa sadii, jechuun Afrikaa Kibbaa, Republikii Dimookiraatawa Koongoo fi Ruwaandaatti imaluun daawwannaa hojii geggeessan kaleessa xumuratan. Bakka kaleessa daawwannaa isaanii itti xumuratan Ruwaandaatti haasaa dhageessisaniin, “Yunaayitid Isteetis, biyyoota Afrikaa waliin waahilummaa dhugaa barbaaddi. Hookkara biyyoota Afrikaa keessa jiru xiqqeessuuf carraaqii sadarkaa ardittiitti taasisamu ni deggerti. Eenyu waliin michooma akka tolfatan dhiibbaa gootu hin qabu,” jedhan.

Dhimma kana irratti Namoon, ogeettii dhimma siyaasaa fi seeraa, Faaxumaa Badhaasoo, Yunivarsirii Rejent as Virijiiniyaa jiru irraa dubbisee jira.