Waldaa Kristaanaa Masrii Tokko Keessaa Abiddi Ka’e Lubbuu Nama 41 Galaafate

  • VOA

Faayilii-Waldaa Kirstaanaa Masriitti Ibiddi Qabate Lubbuu hedduu galaafate

Handaara magaalaa Kaayiroo bakka Imbaabaa jedhamtu kan uummanni hedduminaan keessa jiraatu keessatti Abidda waldaa kristaanaa Kooptiik keessaa ka’e lubbuu nama 41 galaafachuu ministeera Fayyaa kan biyyattitu ibse.

Namoonni ijaan argan akka jedhanti kutaa meeshaan ho’a qabaneessu kan waldatti argamu keessaa rakkoo eleektrikaa mudateetu ibidda kaase.Kanneen Abidda dhaamsan iddoo sana dhaqqabuuf sa’atii 3 isaan fudhate jedhamee jira.

Waldicha gara kutaa gararraa keessa Abiddi ennaa hammaataa deemu namoonni iyyaa fi wawwaachaa ture.

Kanneen miidhaman kana keessaa harka caalaan daa’imman ta’uun ibsamee jira.