Doniin Gargaarsa Midhaanii Feetee Yukreen Irraa Gara Itiyoophiyaatti Qajeelaa Jirti

  • VOA

Faayilii: Dooniin midhaan fe'atte Yukireen irraa gara Itiyooophiyaatti imalaa jirti

Doniin Tokkummaa Mootummootaan dhiyaatte kan midhaan gargaarsa dhala namaa tonii 23,000 feete eroo duraaf Yukreen irraa kaatee Itiyoophiyaatti qajeelaa jirti. Kunis karoora Tokkummaan Mootummootaa midhaan sabaaa weerara Raashaan Yukreen irratti rawwatteen midhaan danqamee jiru baasuuf baaseen ta’uun beekamee jira.

Ministeerrii caasaalaa kan Yukreen Twitarii ofii irratti akka barreessanti Doniin kun Somaaliyaa fi keeniyaa kanneen waggoota 40 keessatti caama hamaan rakkataa jiranifis gargaarsa geessuuf jirti.

Gama kaaniin Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad dhimmi gargaarsa ergamee jedhamee kana ilaalchisee yaada kennaniin kun soba jedhan.Itiyoophiyaan gonkumaa midhaan alaa galfattee ykn galfachuuf ajajjee hin beektuu jedhan.

Kun odeeffannoo sobaa sabaa himaan biyyoota gama dhiyaa oofan kan Itiyoophiyaan barana oomisha Qamadii irraa hafaa galfatte tuffachuuf gaggeeffame jedhan.