Balaan Lolaa Naannoo Affaar Mudate Uummati Kuma Afur Qe’ee Irraa Buqqa’uuf Sababaa Ta’e

  • VOA

Faayilii: kaartaa Affaar marsariitii irraa kan argame

Bulchiinsi Naannoo Affaar Aanaa Aysa’itaatti sababa balaa lolaa bishaaniitiin, maatiin kuma 4 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ibseera. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa aanaalee Muusaa Yaasin VOAtti akka himanitti jiraattonni kuma hedduutti lakkaa’aman balaa lolaa kanaan miidhamaniiru.

Balaan lolaa mudate kun qonna jirbii tokko akka barbadeesse himaniiru. Jiraattonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, sababaa balaa lolaa kanaan balaan konkolaataa mudatee lubbuu namoota 13 galafateera.