Kan Keeniyaa Daawwataa Jiran Seneterri Ameerikaa Aangoon Nagaan Akka Walitti Darbu Waamicha Dabarsan

  • VOA

Faayilii- Miseensonni Jila kongresii Yunaayitid Isteetis kilinikii Kibeeraa Naayiroobii Jiru ennaa daawwatan Hagaya 18, 2022.

Kan keeniyaa daawwataa jiran Seneterri Yunaayitid Isteetis, rakkoo filannoo yeroo dhiyoo asitti biyya gaanfa Afriikaa keessaa dimokiraasii tasgabbaa’aa qabdu keessatti mudate gidduutti, pirezidaantiin Keeniyaa aangoo gadhiisaa jiran nagaa dhaan aangoo dabarsanii kennuu hirmaachuun kan isaan jajjabeesse ta’uu dubbatan.

Senater Kiris Koons ennaa daawwannaa isaanii Keeniyaa Associated Presiif akka himanitti "pirezidaantichi ofii isaanii haa dubbatan, garuu sun abdii ani har'a ibse dha."

Keeniyaattaan erga sagalee Hagayya 9 kennamee as callisanii turuun, Keeniyaan ammas filannoo booda waan dhfuuf jiru beekamuu dhabuu fi falmii mana murtii kaadhimamaa mo’amtan Raayilaa Odiingaatiin mudachuu malu yaaddoo jiru dabaleera. Jila kongireesii kan hoogganan Koons, Odingaa fi pirezidaantii filataman Wiliyaam Ruutoo waliini wal arganii jiru.