Miseensi mana maree Brad Sheerman Waraansi Akka Haaraaatti Itiyoophiyaa Keessatti Eegale Akka Hatattamaan Dhaabatu Gaafatan

  • VOA

Faayilii-Kongiresmaan Brad Sheerman

Wal-waraansi waraana mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay gidduutti jalqabamuu ilaalchisuu ilaalchisuun kan fuula Twitterii isaanii irratti barreessan miseensi Mana-maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis, bakka-bu’aan kutaa Kaalifoorniyaa – Biraad Sheerman, “mootummaan Itiyoophiyaa Tigiraay irratti haleellaa haaraa banuun isaa na rifaasiisee jira. Lammiwwan Tigiraay, addunyaa irratti rakkoo namoomaa isa hamaa tu isaan mudatee jira. Haleellaan kun uummata miliyoonaan lakkaawamu beelaan gidiramaa jiruuf sodaachisaa dha. Akka hatattamaan waraansi kun dhaabatu, Yunaayitid Isteetis tarkaanfii fudhachuu qabdi, “ jedhanii jiran.