Kaawunsiliin Sidaamaa Yaada Dhiyaate Fudhatee Jira

  • VOA

Faayilii-Sidaamaa

Kaawunsiliin bulchiinsa naannoo Sidaamaa har’a caasaa Godinaa ilaalchisee yaada dhiyaate fudhatee jira.waggaa lama dura bulchiinsa naannoobiyyatti isa 10ffaa ta’uun kan hundeeffamee Sidaamaan caasaa bulchiinsa godinaa hin qabu ture.

Heerrii bulchiinsa naannoo sidaamaa qabu yeroo barbaadamaa ta’eetti caasaa godinaalee fi aanaalee hundeessuu danda’aa jedha.

Dubbii himaan kaawunsilii Faantaayee Kabbadaa RSAf akka ibsanti, bulchiinsii naannoo sidaamaa caasaa aanaa jedhu hin qabu. Jiraattonni immo bulchiinsii godinaa hin hundeeffamiin hafuun carraa hojii dhabuu dargaggootaa uumee jira jechuun RSAf ibanii jiru.

Itiyoophiyaa keessatti namoota hedduu hojii qabsisuun kan mindeessu mootummaa ta’uun ni beekama jechuun Yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.

.