Mootummaa fi ABUT Karaa Nagaa Rakkoo Furuu Qabu : Paatrilee Mormituu

  • VOA

Faayilii- Paartileen mormituu Itiyoophiyaa sadii araanni deebi'ee jalqabuu isaa morman

Walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessaa mootummaan Itiyoophiyaas ta’e TPLF karaa nagaan akka furaniif paartiileena mormiituu sadii gaaftanii jiru.

Tuuta oduuf har’a ibsa kan kennan, Paartiin Tokkummaa Guutuummaa Itiyoophiyaa, Paartiin Waraaqsaa kan Uummata Itiyoophiyaa fi Paartiin Innaat mariin nageenyaa gaggeeffamu keessatti qaamoota ka biroo kan akka paartilee mormituu dabalachuu qaba.

Paartileen siyaasaa sadeen Finfinnee fi Oromiyaa giddutti daangaa bulchiinsaa tolfamee kan ilaaleen mormii jabaa kan qaban ta’u ibsuun kun hirmaannaa uummataan ala tolfamee jedhu.

Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad akka jedhanti deemsii daangaa tolchuu kun xumuramuun, falmii daangaa bulchiinsaa kan magaalaa Fifinnee fi naannoo Oromiyaa gidduuf amaafis ta’e gara fuula duraaf furmaata.