Jilli Addaa Kan Amerikaa Gara Biyyoota Gaanfa Afrikaatti Imalanii Jiran 

  • VOA

Ethiopia conflict

Humnotii mootummaa Fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) giddutti wal waraansii itti fufuun isaa, rakkoo gargaarsa dhala namaa ka biroo fiduuf kan deemu ta’uun ibsamee jira.

Prezidaantii Amerikaa Joo Baaydaniif jila addaa kan ta’an Maayik Haamar dhuma torban dabree kana gara Afrikaa Bahaatti kan imalan yoo ta’u kunis walitti bu’iinsa Itiyophiyaa gama kaabaa keessatti gaggeeffamaa jiru kan ilaaleen dubbachuuf ta’uun beekamee jra.

Gareeleen wal waraansa kana keessaa harka qaban martii duula waraanaa dhaabanii gara marii karaa nagaan gaggeeffamutti akka deebi’an yaada dhiyeessuuf jiru jechuun waayit Hawusitti itti gaafatamtuun preesii Karine Jaan pieer Jimaata dabree ibsanii turan.