Feestivaaliin Hawaasa Naannoo Addunyaa Hirmaachise Naannoo Waashingten DCtti Geggeessame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Feestivaaliin Hawaasa Naannoo Addunyaa Hirmaachise Naannoo Waashingten DCtti Geggeessame

Naannoon Waashingitan D.C. aadaa hedduu kan qabu yoo ta’u, embaasiiwwan, dhaabbilee daldalaa sadarkaa addunyaa fi manneen nyaataa sabaa fi sablammootaa hedduu qaba

Namoonni Itoophiyaa, El Salvaador, Kaaribiyaanii fi kanneen biroo irraa dhufan magaalattii fi naannoo ishee naannoo Meeriilaandii fi Varjiiniyaa keessa jiraatu.

Nyaata, artiiwwanii fi shubbisa aadaa aadaa hedduu kana agarsiisuuf, feestivaalli nyaata aadaa addunyaa jedhamu dhiheenya kana waggaa 6ffaaf gaggeeffame. Sagantaan kun naannoo Waashingitanitti ayyaana nyaata aadaa mana alaa dirree irratti gaggeeffamu isa guddaadha.

Alaabaan mirmirsamuu dhaan, paarkii seena qabeessa Aleeksaandiraa, Varjiiniyaa keessatti argamu keessatti biyyoonni 40 bakka bu'aniiru. Sagantaa kana irratti biyyoonni Afrikaa, kanneen akka Naayijeeriyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Ityoophiyaa hirmaataniiru. Taayilaand, Libaanoon, Jaamaayikaa fi El Salvaadoris keessatti haammatamaniiru.