Waraansi Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Otuma Itti Fufee Jiruu Jilli Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Gara Gaanfa Afrikaatti Imalan  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Waraansi Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Otuma Itti Fufee Jiruu Jilli Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Gara Gaanfa Afrikaatti Imalan

Eega deebi’ee jalqabee guyyaa 13ffaa kan qabatee jiru waraansi Itiyoophiyaa gama Kaabaa akkuma itti fufee jira. Kanneen Sagaleen Ameerikaa dubbise jiraattonni naannoolee Saqoxaa, Umaraa fi Wal-qaayit, bakkawwan isaan jiran irraa fagoo dhaa sagaleen meeshaalee guguddaa akka dhaga’amu dubbatan. Babal’achuu lola sanaaf yeroo gareeleen lamaan wal-yakkaa jiranitti, akka waraansichi dhaabatee, nagaan bu’u waamichi hedduun dhihaataa jira.

Jilli Prezidaantii Yunaayitid Isteetis – Joo Baayiden, ka Gaanfa Afrikaa – Ambaasaaddar Maayik Hamar, sanbattan dabran akka gara Gaanfa Afrikaatti qajeelan kan ibsame taheyyuu, Ambaasaddarichi Itiyoophiyaa dhaqqabuu isaanii fi dhaqqabuu-dhaba isaanii ilaalchisee hanga gabaasaan kun qindaa’etti waan beekame hin jiru.