Mootummaan Itiyoophiyaa Marii Nageenyaatti Hirmaachuutti Akka Cichee Jiru Ibse  

  • VOA

Faayilii- Itti aanaa muummicha ministeera Itiyoophiyaa Demmeqee Mekonniin

Rakkina Wal waraansa mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa wajjin taasifamaa jiru marii karaa nagaa gamtaa Afrikaatin geggeffamuun hiikuu akka barbaaduu ABUT ergaa ibsee booda haanga’onnii mootummaa Itiyoophiyaa yeroo jalqabaatiif dhimmicha irratti yaadaa isaanii ibsanii jiru.

Itti aanaa muummee ministiraa fi ministirri dhimmaa alaa mootummaa Itiyoophiyaa Obbo Demeqee Mekonnin, tajaajila dhimmaa alaa gamtaa Awurooppaa jalatti daarekteeraa Afrikaa kan ta’an Riitaa Laaraanjiniha waliin marii taasisan keessatii Itiyoophiyaan marii nageenya gamtaa Afrikaa jalatti taasifamuuf qophii ta’uu ishee ibsuu isaanii ministeerrii dhimma alaa Itiyoophiyaa ibsuu isaa Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.

Karaa biraatiin gamtaan Awurooppaa ibsaa kaleessaa baaseen “karaan fuulaa dura jiru marii karaa nagaa qofa” jedhee, haleellaan mootummaan itiyoophiyaa itti fufee jiru , keessumaa haleellaan xiyyaraa magaalaa Maqalee irratti raawwachaa jiruu yaalii marii karaa nagaa akka hin gufachiifnee yaadoo qabaachuu isaa ibsee jira. Ibsii gamtaa Awurooppaa kun wal loolinsicha keessaa harka galfannaan mootummaan Ertiraa marii naagaa gufachiisuu danda’a jechuudhaan qeeqee jira.