Jilli Buttee Dhaabuu Godinaa Booranaa, Areerootti Geggeessamaa Ture Xumurame

Your browser doesn’t support HTML5

Jilli Buttee Dhaabuu Godinaa Booranaa, Areerootti Geggeessamaa Ture Xumurame

Jilli Buttee Dhaabuu ka wagga saddeetitti al tokko Gadaa Booranaa keessatti raaw’atamu, Areerotti gaggeessamee xumuramuu Abbootiin Gadaa, Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Sirna kana Gadaan haaraan Baalli fudhatu kan gaggeessu ta’uu ka dubbatan qorataan seenaa fi aadaa booranaa, Obbo Jaatanii Diidaa “Ka baranaas ji’a tokkoo oliif Aanaa Areerotti gaggeeffamaa ture torbee kana xumurame,” jedhan. Hoongeen naannicha keessatti hammaatus jilli kun haga danda’ame sirnumaan geggeessame, jedhu abbootiin Gadaa sirnichatti hirmaatan.