Uganndaa Keessatii Dhukubni Iboolaa Argamuun Gabaasame Jira

  • VOA

Biyyaa Ugaandaa keessatti dhukubnii Iboolaa Argamuu isaatiif amma ammatti namoonni Torbaa dhukubichaan qabaman addan bahanii, nammii tokko immoo dhukubaa Kanaan akka du’e haanga’otaa ministeera fayyaa biyyatti waabeffachuudhaan dhaabanni oduu Rooyiters gabaasee jiraa.

Ministeera fayyaa Ugaandaatti Itti gaafatamaa dhimmaa Iboolaa kan ta’an Doktoor Kiyoobii Henerii Biboola akka jedhaniitti, amma ammatti nammi umuriin isaa wagga 24 ta’e dhukuba Kanaan kan du’ee yemuu ta’u, namoonii biroo Torba immoo akka dhukubichaan qabaman mirkanaaweera. Akka haanga’onni fayyaa biyyatti himanitti dhimmi namoottan biroo Torba ittu dhukubichii hin mirkanawiin du’anis qoo’atamaa jira.

baraa 2012 akaakuun Iboolaa “Sudaan” jedhamu Ugaandaa keessa akka seene oduun kun dabalee ibseera.