Aanaa Addaa Ammaarroo Keessatii Namooni Shan Ajjeefaman;  WBOn “Harka Keessaa Hin Qabu” Jedha 

  • VOA

Naannoo Amaaroo

Naannoo bulchiinsa saba fi sab - lammii kibba Itiyoophiyaa aanaa addaa Ammaaroo ganda Doorbaadee jedhamu keessatti guyyaa kaleessa Fulbaanaa 21 baraa 2022 haleellaa gareen hidhattootaa raawwataniin namoonni Shan ajjeefamuu isaanii Yoonaataan Zebdiyoos Jiraattota fi haanga’otaa aanichaa haasofsiisuudhaan gabaasee jiraa.

Haleellaa kana kan raawwatee garee hidhatootaa “Waraana Bilisummaa Oromoo” ofiin jedhuuf Mootummaan Shanee jedhee waamuun akka ta’e haagga’onni mootummaa fi jiraatonni ibsuu isaanii kan himee gabaasnii kun, namoottan ajjeefamanii allatti namoottan Sadii madaa’anii hospitaalaa Keelle keessatti waldhanamaa jiraachuu isaanii hojii raawwachisaan hospitaalichaa Obbo Belexee Daffaar ibsuu isaanii beeksiseera.

Ajeechaan kun kan raawwatamee garee hidhattootaa WBO jedhee of waamuun akka ta’ee VOAn kan bilbilaan haasofsiisee bulchaan aanaa addaa Ammaarroo Oboo Wegen Bezuneh mirkaneessuu isaanii gabaasinni Yoonaataan Zebdiiyoos ibsee jiraa.

Dhimmaa kana irratii dubbi himaa WBO kan ta’an obboo Odaa Tarbii deebii VOAdhaaf kennaniin dhaabbanii isaanii gochiichaa akka hin raawwanee akkana ibsaanii jiru.

waggoottan dhinyaa kana darban keessaa sababa waltii bu’insaatiin siviilonni 200 du’anii, namoonni kuma 10ti lakkaawaman qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an Bulchaann Anaa addaa Ammaarroo sagalee Amerikaatti himanii jiru.