Booranaa fi Gujii Dabalee Godinaaleen Bokkaa Hagayyaa Eeggataa Turan Gahaa Hin Arganne, Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Booranaa fi Gujii Dabalee Godinaaleen Bokkaa Hagayyaa Eeggataa Turan Gahaa Hin Arganne, Jedhame

Dhaabbanni Raaaga haala qilleensaa Itiyoophiyaa Boorana fi Gujii dabalatee kanneen rooba hagayyaa eeggataa jiran bokkaa gahaa akka hin argatiin beeksisee jira.

Aadde Mihret Muluneeh, ogeettiin raaga haala qilleensaa, haalli qilleensa bishaan Paasifik gubbaa jiru ammas kan bokkaa uumu waan hin taaneef roobni hagayyaa naannolee Itiyoophiyaa kibbaa fi kibba bahaa dhaqqabe hanga eegamee gadi ta’uu VOA tti himan. Tokkummaa mootummootaatti qindeessaan gargaarsa namoomaa roobni kun dhabamuun ammas beela gaanfa Afriikaa akka daran hammeessu sodaa qabu beeksisee jira.