Garee Ogeessota Fayyyaa Ayyaana Irreecha irratti Tajaajila Yaalaa Hatattamaa Kennu

Your browser doesn’t support HTML5

Garee Ogeessota Fayyyaa Ayyaana Irreecha irratti Tajaajila Yaalaa Hatattamaa Kennu

Gareen Deebii Hatattamaa Waldaa Hakiimota Oromiyaa jedhamuu fi damee Waldaa Ogeessota Fayyaa Oromoo ta'e, ogeeyyii fayyaa qindeessuudhan Irreecha Hora Harsadee fi Hora Finfinnee - Sambattan dhuftu magaalota Bishooftuu fi Finfinnee keessatti karoorfaman - irratti tajaajila yaalaa hatattamaa kafalttii malee kennuuf qophaahaa jira.

Yunversitii Finfinnee Damee Peediyaatriksii fii Fayyaa Ijoolleetti Profesarii Qarqaaraa, akkasumas Miseensi Koree Eddugalaa Waldaa Ogeessota Fayyaa Oromoo, Dr Sisaay Camadaa, gareen kun Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa akkasumas ka Finfinnee wajjin qindoominaan akka hojjatu ibse.