Tokkummaan Mootummootaa Haallii Gargaarsa Namoomaa Yeroo Ammaa Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Yaaddessaa Dha Jedhe

  • VOA

FAAYILII - Qarqaarsi nyaataa namoota qehee irraa buqahaniif yeroo hiramu,Adalee, Amajjii 22, 2022.

Tokkummaan mootummootaa haala gargaarsa namoomaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessa jiru irratti yaaddoo qabu ibseera. Haalli amma jiru fi haalli gargaarsa namoomaa kutaalee Itiyoophiyaa keessattuu gama Kaaba biyyatti ammas hamaadha jedhan dubbii himaan tokkummaa mootummootaa Steefan Jaarik.

Gaazexeessitootaaf akka ibsanti, daandiin gara Tigraay geessu cufamee jira. Walitti bu’iinsii gaggeeffamaa jiru gidiraa ummata nagaa irra ga’u akka dheeressu kan ibsan Jaariik, Hokkora dabalaa deemu kamiyyuu, lammiilee nagaa irratti balaa fida jedhan.Kun dabalaa hin deemu abdii qabna, jechuun ibsan.

Gama biraatiin, Jaarmayaan gargaarsaa kan tokkummaa mootummootaa( OCHA)n, naannoolee wal waransii jiru Itiyoophiyaa gama Kaaba keessatti sochii isaa akka itti fufee hubachiise.

Dinummaan wal ilaaluu haaraan jiraatus, bulchiinsa naannolee Afaar, Amaaraa fi Tigraay keessatti argamuun bakka dhaqqabuun danda’ameetti, gargaarsa namoomaa raabsuunitti fufeera, jechuun OCHAAn kaleessa Tiwiitarii ofii irratti barreessee jira.