Irreechi Hora Arsadii Har’a Bishooftuutti Ayyaaneffame  

Ayyaana Irreechaa Hora Arsadii, Onkoloolessa 2, 2022, Bishooftuu.  

Ayyaanni Irreechaa kan Hora Arsadii har’a magaalaa Bishooftuutti kabajamee jira. Jiraattonni magaalattii, akkasumas godinaalee Oromiyaa biroorraa namootni hedduun ayyaana kanaaf garasitti imalanii harra sirna irreeffannaa gaggeessaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Irreechi Hora Arsadii Har’a Bishooftuutti Ayyaaneffame

Hirmaattonni kunneen seensa daandii guddicha maqa bishooftuurratti konkolaataan akka hin seenne dhowwamuu Sagalee Ameerikaatti himan. Bu’uraaleen misoomaa bakka Irreechaa fooyya’uu akka qabu dubbatu, hirmaattonni. Galmoo Daawit Hora Arsidii irraa gabaasa itti aanu qindeesseera.