Somaaliyaa giddu galeessaa Beleedeweeyin keessatti haleellaa boombii konkolaataa sadii irraa Wiixata kaleessaa gaggefefameen, yoo xiqqaate namoonni 20 kan ajjeefamanii kanneen kurna hedduu ta’an mada’anii jiru. Isaan kana keessaa qondaaltonni mootummaa naannoo lama jiru. Namoonni ijaan argan akka jedhanitti konkolaattonni lama meeshaa dhuka’aa fe'an ganama, kan sadaffaa ammoo waaree booda dhoohiinsa kana dhaqqabsiisan.
Komishinara poolisii Beledweyne Bishaar Huseen Jimalee haleellaan kun raawwatamuu fi aangawoota naannoo tokko tokko du'uu isaanii mirkaneessanii jiru.
Gochaan kun al-Shabaabiin kan karoorfamee fi Qondaaltonni, namoonni nagaa fi loltoonni hedduun kan itti ajjeefaman jedhan. Amma iyyu namoota miidhamanii lakkaa'aa jirra jedha, qondaaltonni ajjeefaman keessaa itti aanaa komishinara maallaqaa naannoo Hiraanii,miseensota paarlaamaa fi ministeerota magaalaa Hirshaabeetti keessatti argama jedhan Jimaleen.
Hojiin midhamtoota baraarsuu itti fufee akka jiru, gaddinuus garu hin boonyu, al shabaab irratti haaloo ni baana jedhan.
Waajjirri Tokkummaa Mootummoota inni Somaaliyaa keessaa Tiwiitara ofii irratti barreeffama baaseen, haleellaa kana balaaleffachuun maatii namoota miidhamaniif ergaa jajjabina ergee jira.
Mootummaan Somaaliyaa ajajaa olaanaa al-Shabab Abdulkadir Nadir jedhamuun beekamu naannoo Juubaa giddu galeessaa keessatti haleellaa qilleensa irraa gaggeeffameen ajjeefamuu isaa erga beeksisee guyyaa tokko qofa booda dhohiinsii Bombii sadeenii kun dhaga’ame.