OPEC Omisha Boba’aa Hir’isuuf Murteesse 

  • VOA

FILE PHOTO: A 3D printed oil pump jack in front of the OPEC logo

Dhaabbanni biyyottan boba’aa homishanii fi gurguranuu inni OPEC jedhamee beekamuu ji’a dhufuu jalqabee omishaa boba’aa baarmeelii guyyaatti miiliyoonii lamaan akka gadi butuu ibsee jiraa. Tarkaanfiin kunis gatii boba’aa dabaluudhaan ji’oottan dhufan keessa diinagdee adduunyaa kufaatii keessaa galchuu danda’a jedhameera.

Tarkaanfiin gareen kun fudhatee gatii boba’aa dabaluudhaan Raashaadhaaf kan fayyaduu yemmuu ta’uu gatii boba’aa hirdhisuudhaaf karoo prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden qabani immoo miidhuu akka danda’u ibsamee jira.

Itti gaafatamtuun dhimmaa preesii masaraa Waayit Haawus Kariin Jeen Piyeerii murtoo biyyoottan miseensaa OPEC 23 Veenaa keessatti dabarsan irratii ibsaa kennanii,

“ yemmuu diinagdeen adduunyaa weerara Raashaan Yuukreen irratti raawwatteen walqabatee haalla gaarii hintaane keessaa jiru kanatti OPEK kootaa omishaa boba’aa hirdhisuudhaaf murteessuun isaa fageenyyatti ilaaluu dadhabuudha. Murtoo OPEK kanan kan ka’ee haalii gatii boba’aa irratii umamu kan miidhu biyyoottan galii gadi aanaa fi walakkeessaa qabanuudhaa. Yaaliin prezidaantiin Yunaayitid Isteets taasisan gatii boba’aa gadi buusuudhaan fooyya’insaa agarsiisee jira. ganna darbe irraa Gatiin boba’aa naannoo doolaaraa tokkoo fi saantima 20 gadii bu’ee jira. Yeroo ammaa gatiin waliigalaa boba’aa gaaloonii tookoo doolaara Sadii fi Saantima 29” jedhanii jiru.

Murtoo OPEC kana ilaachisee Xiinxaltoonii akka jedhaniitti gatiin jikita boba’aa waan dabalaa deemuuf ji’oottan dhufan keessaa diinagdeen adduunyaa kufaatii keessaa seenuu danda’a. dabaliin gatii boba’aa irratti taasifamuu kun biyyaa omisha boba’aa qabduu Raashaadhaaf galii dabalataa kennuudhaan akka gargaaruu danda’uu